Etv Afaan Oromoo
- №1 756 в категории «Новости и СМИ»
- №131: 🇪🇹 Эфиопия
- №18 среди каналов на языке «оромо»
- №5 310 в мире
@EBCNEWSNOW @etventertainment1 @ETVkidschannel @EBCWORLD1
- 24 часа
- +9
- 7 дней
- –
- 30 дней
- –
- Реакции
- 4
- Репосты
- –
- Комментарии
- –
Динамика подписчиков
Подписчиков у канала «Etv Afaan Oromoo»: 45 045.
По дням, последние 30 дней
| Дата | Подписчики | Изменение | Посты | Ср. просмотры поста |
|---|---|---|---|---|
| 25 ноя | 45 045 | +9 | 2 | 472 |
| 24 ноя | 45 036 | – | 5 | 1 324 |
Просмотры по возрасту поста
Средние просмотры в каждом возрасте, посты за последние 30 дней.
- 12 ч
- 1 350
- 48 ч
- 2 024
- 7 дней
- 3 333
Когда публикует
Время по UTC. 27 постов за 90 дней.
Последние посты
-
Bareedina Magaalaa: Utubaa Guddina Damee Turizimii fi Dinagdee Bareedinni magaalaa guddina damee turizimiif lafee dugdaati; sababni isaas magaalaan qulqulluu, magariisaa fi hawwataa taate daawwattoota biyya keessaa fi alaa akka salphaatti harkisa. Paarkiiwwan magariisaa, daandiiwwan mijatoo fi siidaawwan seenaa sirnaan kunuunfamanii yoo qophaa’an, daawwattoonni magaalaa sana keessatti yeroo dheeraa akka dabarsanii fi muuxannoo gaarii akka qabaatan taasisa.
-
Paarlaamaan Yaa’ii idileesaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti boru taa'a Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Yaa'ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti boru gaggeessa. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kan kennan ta’a.
-
Qulqullina Barnootaa: Dhaloota Dorgomaa, Ofitti Amanamummaafi Naamusa Gaarii Qabu Horachuuf Lammii dorgomaa, ofitti amanamummaa qabu, jaalala biyyaafi naamusa gaarii qabu horachuun guddina biyya tokkoo keessatti gahee olaanaa qaba. Kana milkeessuuf sirna barnootaa sirrii, haqa qabeessaafi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun murteessaadha. Biyya keenyatti sirni barnootaa hojiirra oolaa ture rakkoolee qulqullinaa, dhaqqabummaafi haqa qabeessummaa hedduu kan qabu ture. Kunis dhaloota beekumsaafi ogummaa gahaa qabu, sadarkaa biyyaafi addunyaatti dorgomaa ta’e horachuuf gufuu guddaa ta’uun cabiinsa sirna barnootaa hordofsiisee jira.cabiinsa sirna barnootaa biyya keenya muudate sirreessuun dhaloota eger...
-
Itoophiyaan Afrikaatti iddoo gahumsaa invastimantii adda duree ta’uuf qophaa’aa jirti – Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Itoophiyaan Afrikaatti iddoo gahumsaa invastimantii adda duree ta’uuf qophaa’aa akka jiratu Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise. Itoophiyaan Bara baajataa darbe keessa Doolaarri Ameerikaa biiliyoona 11.2 al-ergii irraa akka argatee Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabrabbiin ibsaniiru.
-
Magaalaa Maqaleetti buufataalee boba’aa 15 keessaa 12 gara hojiitti akka galan taasifame Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti buufataalee boba’aa 15 argaman keessaa 12 gara hojiitti akka galan taasifamuu isaanii Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa magaalatti Obbo Tasfaay Girmaay ibsaniiru. Magaalaa Maqalee keessatti taaksiiwwan uummataa 750 akka jiran ibsuun taaksiiwwan kunneen dursa dhiyeessii boba’aa akka argatanii fi tajaajila geejjibaa akka kennan taasifamuu himaniiru.
1 320 просмотров Фото -
https://youtu.be/oMQkYj6V91M
1 620 просмотров 2 Реакции -
https://youtu.be/MYRhtF1QW70
1 730 просмотров 3 Реакции -
Ergaa Kantiibaa Adaanach Abeebee Finfinnee: Wiirtuu Taateewwan Afrikaa fi Idil-Addunyaa! Finfinneen Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) hirmaattonni kuma 30 ol irratti argaman milkaa’inaan keessummeessaa jirti.
-
"Birmadummaa fayyaa Afriikaa mirkaneessuuf biyyoonni miseensaa xiyyeeffannoo gochuu qabu"-Mahaammud Alii Yusuuf Birmadummaa fayyaa Afriikaa mirkaneessuuf biyyoonni miseensaa damee fayyaaf xiyyeeffannoo gochuu akka qaban dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Konfiraansiin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaan (CPHIA 2026) ministirri muummee Abiyyi Ahimad(PhD) bakka argamanitti har’a Finfinneetti eegalameera.
-
“Itoophiyaan humna namaa qabdu, oomisha qorichaa biyya keessaa, fayyaa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolchee (AI) irratti invast gochuun sirna fayyaa Afrikaa hin jilbeeffannee fi of-danda’e ijaaruuf kutattuudha.” — Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Itoophiyaan humna namaa qabdu, oomisha qorichaa biyya keessaa, fayyaa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolchee (AI) irratti invast gochuun sirna fayyaa Afrikaa hin jilbeeffannee fi of-danda’e ijaaruuf kutattuu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) sirna baninsa Konfiransii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) walta’iinsa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhukkuboota Afrikaa (Africa CDC) fi Mootum...
-
https://youtu.be/WihYV18t0_Q
4 100 просмотров 5 Реакции -
Ergaa Kantiibaa Adaanach Abeebee Har’a Garee Baankii Addunyaa waliin hariiroo tumsa yeroo dheeraa qabnu caalaatti cimsuu fi gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf marii bu’a qabeessa taasisneerra. Hanga ammaatti, dameewwan misoomaa ijoo kanneen akka babal’isuu fi fooyyessuu bu’uuraalee misoomaa dhiyeessii bishaanii magaalaa, ijaarsa dhaabbilee walitti qabuu fi qulqulleessuu dhangala’aa, geejjibaa fi dameewwan biroo keessatti deeggarsa Gareen Baankii Addunyaa nuuf taasiseef garaa guutuudhaan galateeffanna.
-
Pirojektoota Gurguddoo Shanan Bifa Diinagdee Itoophiyaa Jijjiiran Itoophiyaan guddina diinagdee ariifataa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi tarsiimoo jijjiiramaa hojiirra oolchaa jirti. Imala fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa kana keessatti boqonnaa murteessaa kan banan pirojektoonni gurguddoon (meegaa pirojektoonni) shan saffisa olaanaadhaan ijaaramaa jiru. Pirojektoonni kunneenis Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Warshaa Xaa’oo Goodee, Hidha Maddisiisaa Humna Elektirikaa Kooyishaa, Daandii Baaburaa Awaash–Waldiyaa–Hara Gabaayaa fi Warshaa Calallii Boba’aa Goodee yoo ta’an, baajata waliigalaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 22 ol ramadameefii jira.
-
https://youtu.be/YUeQ11IDoKg
3 940 просмотров 2 Реакции -
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni giddugala leenjii haaromsa Maqalee daawwataniiru Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UN) fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa har’a giddugala leenjii haaromsaa magaalaa Maqalee daawwataniiru. Jilli kun kaleessa irraa eegalee naannoo Tigraayitti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran yoo ta’u, Bulchiinsa Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’ateera.
-
Godina Kibba Oromiyaa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa jira Naannoo Oromiyaa Godina Kibba Oromiyaatti, aanaalee garaagaraa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuun ibsame. Akka odeeffannoon tajaajila komnikeeshini Oromiyaa agarsiisutti, godina Kibba Oromiyaa aanaalee garaagaraa keessatti pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu'aa qabatamaa galmeessaa kan jiran ta’u, Finni Dasee Goraa aanaa Gomaleetti hojjatame isa tokko.
-
https://youtu.be/0imhKpm_uBs
3 420 просмотров 2 Реакции -
https://youtu.be/ya9W8e2ryeg
3 310 просмотров 3 Реакции -
Seenaa misoomaan itti fufsiisuu, ashaaraa dhalootaaf dabarsuu – Kantiibaa Adaanach Abeebee Seenaa misoomaan itti fufsiisuu, ashaaraa dhalootaaf dabarsuu itti fufna jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen. Magaalaan kan ijaaramu daandii fi gamoowwan ijaaruu qofanii miti,namoota seenaa hojjetanii fi biyyaaf oolmaa oolan kabajaan yaadachuu fi seenaa isaanii dhalootaaf dabarsuun jedhaniiru.
-
Jilli Mootummoota Gamtoomanii hoggantoota bulchiinsa Imaanaa naannoo Tigraay waliin mari’achaa jira Jilli Mootummoota Gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa hoggantoota bulchiinsa Imaanaa naannoo Tigraay waliin magaalaa Maqaleetti mari’achaa jiru. Hojii Raawwachiiftota Olaanoo Bulchiinsa Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay , kantiibaan magaalaa Maqalee fi hoggantoonni olaanoon biroo maricharratti argamaniiru.
Вопросы о канале «Etv Afaan Oromoo»
Сколько подписчиков у канала «Etv Afaan Oromoo»?
У канала «Etv Afaan Oromoo» (@etvafaanoromoo1) 45 045 подписчиков на 25 ноября 2026 г.
О чём канал «Etv Afaan Oromoo»?
Канал в категории «Новости и СМИ», язык постов: оромо. Описание канала: «@EBCNEWSNOW @etventertainment1 @ETVkidschannel @EBCWORLD1»
Какое место занимает канал «Etv Afaan Oromoo»?
По числу подписчиков: №1 756 в категории «Новости и СМИ», №131: 🇪🇹 Эфиопия, №18 среди каналов на языке «оромо», №5 310 в мире.
Публикует ли канал «Etv Afaan Oromoo» рекламу?
За последние 30 дней ни один из 27 постов не помечен как реклама (#ad, Sponsored, «Реклама»). Рекламу без пометки определить нельзя.
Статистика обновлена 2 часа назад.